Ati naaf Geerrartee
Siifan walaleessaa.
Goota ilma sabaa
Yaa leenca Hundeessaa.
Dhangaan afaan keetii
Gubaa qabbaneessaa.
Cabaa keenya koobee
Buqqa'aas fayyisaa.
Aantummaan saba kee
Sirraa calaqqisaa.
Umrii nuuf dheeradhu
Jedheen si eebbisaa x2
:
Galaana jechootaa
Walitti waraabdee.
Galma barkumeetis
Miila tikkoon dhaabdee.
Hayyuu fagoo argu
Tokkummaa lallabde.
Qilinxoos kan jiran
Goota rakkoon qabde.
Kan Qaallittii jiran
Cinaa keetii dhabde.
Karchallees hin hafne
Seentee nuuf barbaaddee.
Galma siif haa gahuu
inni ati yaadde x2
:
Kan gaafa Adawaa
kan gaafa maqalee.
Hundaa nuuf yaadatte
Seenaa guyyaa kalee.
Jechootan siif dhabeem
Galatoomii malee.
Irra deddeebi'ee
Sirba kee ilaalee.
Anis sirbaan tureem
Gammadee utaalee::x2
:
Quuqqaa keessa keetii
Geerarsaan ibsitee.
Hayyoota Oromoos
Kan rakkoon danqite.
Rakkina isaanii
Aartidhaan argite.
Dacheen Oromiyaa
Si nuuf biqilchite.
Ammas sihaa baattu
Oolchitee Bulchitee.
Leencakoo Haacaaluu
Baga keenya taate!:x2
Oromiyaan Kan Oromooti